Monday, September 16, 2013

Oromoo Magaalaa Finfinnee Keessatti
Mootii Qixxeessaa*
Edda Uummanni OROMOO handhuura OROMOYAA Finfinneerraa buqqa’ee kunoo waggaan gara 130 lakkaa’amaa jira. Buqa’iinsa sana dura Finfinnee fi naannoon ishee lafa OROMOOnni horanii irra bobbaasan, qotanii  irraa galfatan dachee laliftuu fi badhaatuu bosona uffatte, laliftuu beneensonnii fi simbiroonni sanyii adda addaa keessaa fi irra bashaadan akka turte hin shakkamu.

Edda nyaapha koloneeffataa, nama nyaataa bulgicha Minilik jedhamuun durfame harkatti kuftee as yaroo dhaa gara yarootti gaaddifti bosona ishee barbadaayun,  bineensonnii fi simbirroowwan daggala ishees mancaafamuun beekkamaa dha. Bakkeewwan Ulfoon safuu, duudhaa fi aadaa OROMOOf mallattoo bu’uraa turan hora Finfinnee, dhakaa araaraa, gaaddisni Oddaawwaniif bakkeewwan kabajamoo ta’an biroo carraa duula balleessii kanaan kabajaan irraa mulqamee warra soqolattee kanaan soqolamanii salphinaaf  saaxilaman.
Nyaaphni Minilikiin durfame Goobanatti hidhatee gooticha gullallee ciminaan dura dhaabbate Tufaa Munaa galaafate.  Gootonni OROMOO Tufaan durfaman falmiin kabajaa sabaa fi biyya abbaa ittisuuf godhan meeshaa ammayyaa diinni hidhachiifameen caalamee kufaaatin ta’ee booda  Finfinnee fi naannoon ishee hundi hin barbadaaye. Dhiignis hin dhangala’e. Finfinneen OROMOOn keessaa buqqaafame nyaaphaan dhuunfatamte. Akkasiin sabni keenya hadhaa gabrummaa har’aa kana jalatti jilbeeffachuuf dirqame.
Duula kanaan seenaan, duudhaan, safuu fi aadaan abbaa biyyaa awwaalamee kan alagaa irratti dgaagfamae. Badiin bara Minilkii fi sana dura calqabe ammalleen bara  wayyaanee – Hayilamaariyaam  babal’atee itti fufee jira. Akka boru itti hin fufneefis wabiin mul’atu hin jiru.
Finfinnee fe’ii saba keenyaatin ala magaalaa guddittii Empire

No comments:

Post a Comment