Monday, September 16, 2013

koloneeffataa, nama nyaataa bulgicha Minilik jedhamuun durfame harkatti kuftee as yaroo dhaa gara yarootti gaaddifti bosona ishee barbadaayun,  bineensonnii fi simbirroowwan daggala ishees mancaafamuun beekkamaa dha. Bakkeewwan Ulfoon safuu, duudhaa fi aadaa OROMOOf mallattoo bu’uraa turan hora Finfinnee, dhakaa araaraa, gaaddisni Oddaawwaniif bakkeewwan kabajamoo ta’an biroo carraa duula balleessii kanaan kabajaan irraa mulqamee warra soqolattee kanaan soqolamanii salphinaaf  saaxilaman.
Nyaaphni Minilikiin durfame Goobanatti hidhatee gooticha gullallee ciminaan dura dhaabbate Tufaa Munaa galaafate.  Gootonni OROMOO Tufaan durfaman falmiin kabajaa sabaa fi biyya abbaa ittisuuf godhan meeshaa ammayyaa diinni hidhachiifameen caalamee kufaaatin ta’ee booda  Finfinnee fi naannoon ishee hundi hin barbadaaye. Dhiignis hin dhangala’e. Finfinneen OROMOOn keessaa buqqaafame nyaaphaan dhuunfatamte. Akkasiin sabni keenya hadhaa gabrummaa har’aa kana jalatti jilbeeffachuuf dirqame.
Duula kanaan seenaan, duudhaan, safuu fi aadaan abbaa biyyaa awwaalamee kan alagaa irratti dgaagfamae. Badiin bara Minilkii fi sana dura calqabe ammalleen bara  wayyaanee – Hayilamaariyaam  babal’atee itti fufee jira. Akka boru itti hin fufneefis wabiin mul’atu hin jiru.
Finfinnee fe’ii saba keenyaatin ala magaalaa guddittii Empire Ethiopia fi Aafrikaa taatee moggaafamte keessa kan diriirfatee jiruu qananii jiraachaa jiru ilmaan nafxanyaati.  Masaraan mootummaa kanaa fi waajjirri tokkummaa Aafrikaa kan gidiraa fi gabrummaa uummata keenyaa cimsuuf tajaajilu malee OROMOOf bu’aa tokkolleen qabaachaa hin jiru. Magaalattiin Ulfaan keenya keessaa mancaafame siidaawwan bulgoota lubbuu miliyoonota ilmaan OROMOOtin xabataa turanii kan Minilik kaleessaa fi Mallas har’aa baattee ilkaan baaftee nutti kolfaa jirti. Araddaa kana magaalaa teessuma issaanii gochuuf jecha lafee dhalootaatu safuu fi ooddata tokko malee bakka itti awwaalamee baafamee haraa xurii magaalattii wajjin gatamaa, facaafamaa ture. Har’as kanumatu harkaa qabama.
Heerri mootummaa biyyatiin ittiin bulaa jirtu  OROMOO fi OROMIYAAn magaalaa Finfinnee keessaa bu’aa addaa qabaata jedhulleen kan raawwatamaa jiru faallaa issaati. Summii warshaalee abbaa qabeenyaa keessaa gad-dhiifamuun bishaani fi biyyoon naannoo summaa’uu, uummannis kana waraabee dhugee, qotee irraa nyaatee, magarsee

No comments:

Post a Comment