Tuesday, September 17, 2013

Addaatti Tarkaanfii Fudhate.
WBOn Bakkoota Adda Addaatti Tarkaanfii Fudhate.

Share and Enjoy


  • Facebook
  • Twitter
  • Delicious
  • LinkedIn
  • StumbleUpon
  • Add to favorites
  • Email
  • RSS

(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 16,2013)Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa saboota cunqurfamoo biyyattii irratti gaggeessamaa ture daran jabeessuun itti fufaa  jiruun waajjiroota galmee garaa garaa itti kuufatu dhaabbatuun ni beekama. Akka kanaan magaala Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Ona  9 keessatti manni galmee Qophaa’inaa fi walta’insaa qaama waajjirootra kanneenii kan tahe5/09/2013 ganama keessaa sa’a 6:30-tti  guutummaan barbadaa’ee jira.Tarkaanfiin dokumentiilee mootummaa Wayyaanee gubu kun kan fudhatamee fi milkaa’eiccitii hojjettoota waajjira kanaa irraa argame irraa ti kan  jedhuunmootummaan Wayyaanees hojjettoota waajjira kanaa  rakkisaa skks jitu hubstsmee jira.Kana malees gama biraan gootich WBO qabeenya diinaa barbadeesse.Humni addaa gooticha WBO Godinaa Wallagga Bahaa keessa sosso’utarkaanfii Fulbaana 6, 2013 fudhateen konkolaataa boba’aa(bottee) basaasa diinaa tokko guutummaatti barbadeessuu ajaji WBO godinaa kanaa ibsa baaseen hubachiise.Konkolaataan boba’aa onoota Godinaa Baha Wallaggaatti argamaniif raabsu kun kan basaasa diinaa  Koloneel Ammahaa Asgedom jedhamuu oggaa tahu, abbaan qabeenyaa kunis golgaa kanaan onoota Giddaa Ayyaanaa,Guttin, Saassiggaa fi kkf keessa sosso’uun ummata Oromoo kan basaasaa jiru dha.Konkolaataan diinaa kun magaalaa naqamtee irraa fageenya KM 10 Ona Guutoo Waayyuu bakka  laga Lakkuu jedhamutti kan barbadeeffame tahuukan ibse ajaji godinichaa, lakkoobsi boottee daareffamees  A 05779 tahuu beeksisee jira

Share and Enjoy


  • Facebook
  • Twitter
  • Delicious
  • LinkedIn
  • StumbleUpon
  • Add to favorites
  • Email
  • RSS

Leave a comment

Your email address will not be published.
*



No comments:

Post a Comment